Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuun har’aa dhaabnu faalama qilleensaa ittisuuf gaachana keenya-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)- “Biqiltuun har’a dhaabnu soorata borii, gaaddisaa da’oo keenyaa akkasumas faalama qilleensaa borii ittisuuf gaachaa keenya” jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, guyyaan har’aa seenaa qabeettiidha.

Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuuf waamichaa dhiyaate simachuun biqiltuuwwan miiliyoona 4 bakkoota 140tti jiraattota waliin dhaabuu eegaleerra jedhan.

“Waltaanee yoo hojjennu rakkooleen keenya salphatanii, milkaa’inni waan fagaate fakkaate, dhiyaataa, namoota hedduu fayyadamtoota kan taasisuu hojiilee bal’aa hojjenneerra” jechuun ibsaniiru.

Dorgommichaa ofiin dorgomaa hojiilee keenya har’aa kan kaleessarra qulqullinaan, baay’inaan, fooyya’aa taasisuuf rakkoolee keenya dursaa, milkaa’ina keenyaa injifannoo fooyya’aa boruuf ceesisaa itti fufna jedhaniiru.

Guyyaa tokkotti, magaalattiitti biqiltuu miiliyoona 4 dhabuuf sagantaa gaggeeffameerratti jirattoota hirmaatan galateeffachuun, dhaabuutti dabalataan kunuunsuun hirmaannaa isaanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Magaalaa Finfinnee, waltaanee kalaquun, saffisaan rakkoolee keenya irra aanuun jiraattota ishee fi daawwattoota isheef kan mijattee, miidhagduu taasisuuf tattaaffiin hojjechuu itti fufna jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.