Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan ni dubbisti, daandileen ishees kitaabaan ni guutamu-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)-Ityoophiyaan ni dubbisti; daandileen ishees kitaabaan ni guutamu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Kitaabileen hiriyaa bara jireenyaa ta’uus kaasaniiru.

Daandii konkolaataarraa walaba ta’e kan barbaachisan ta’us, yaadaa fi kitaabaa irraa daandii walaba ta’e qabaachu hinqabnu jedhanii.

“Ityoophiyaan ni dubbisti; daandileen ishees kitaabaan ni guutamu” jechuunis ibsaniiru.

Manni Kitaabaa Abrihoot naannawaa isatti dabalataan daandilee Magalaa Finfinnee irratti daa’imman guddattootaaf kitaaba dhiyeessuun dubbisiisas jedhaniiru.

Kanneen har’a kitaaba dubbisan boru akka hinhatne, nyaapha malaanmaltummaa fi hannaa jalatti kan hinkufne ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni rakkoolee qabu ba’achuu kan dandeenyu dubbisa akka Ashaaraa Magariisaatti guyyaa guyyaan yoo dhaabnedha jedhaniiru.

Har’a bakki daa’immanii fi dubbisaaf kenninu egeree Ityoophiyaa ifatti kan argisiisuudha ta’uu eeraniiru.

Daa’imni har’a hindubbisne, kitaaba hinjaallanne, boru biyyaa hogganuus ta’e lammii bakka bu’aa ta’uu akka hindandeenye akeekaniiru.

Kitaabilee dubbisuun dhimma mootummaa fi siyaasaa utuu hintaane boru addunyaa waliin kan teenyu, akksumaas Addunyaa kan ittiin ilaaludha jedhuun Muummeen Ministraa Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.