Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon Keenya Galmee haaraa keenya galmeessuudha-MM Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Adoolessa 9, 2015 (FBC)- Kaayyoo keenya galmee haaraa keenya galmeessuudha jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dhimmi Ashaaraa Magariisa, dhimma Ityoophiyaa eeguu, kabajuu fi dagaagsuuti kan jedhan Dooktar Abiy dhimmichi dhimma dhalootaaf bu’aa buusuuti jedhaniiru.

Guyyaan hojiilee hawaasummaa fi amantaarraa walaba ta’e kan filameef guyyichi lammii Ityoophiyaa kamuu ba’uunii hinqabu jedhan.

Wiixatni kan filameef hojii kan eegallu uumama baraaruun akka ta’uufi jedhaniiru.

Morkiin keenya ofii keenya waliin ta’uus eeranii, naannolee, godinaaleen, aanaalee fi gandoonni kan bara darbe caalaa biqiltuu caalmaan dhaabuun galmee haaraan akka galmaa’u amantaa qaban ibsaniiru.

Tokkoon tokkoo keenya galmee ofii keenya galmeessuu qabnas jedhaniiru.

Rakkoon galmee ofii isaa akka galmeessu eeyyamuu akka hinqabne eeruun, rakkoo kan injifachuu dandeenyu jalqabarratti kan ofii keenya, itti aansuun naannawaa keenya, dhumarrattis galmee Addunyaa haaraa galmeessuuni jedhan.

“Ani boru daddabalee dhaabuuf qophaa’eera” jedhanii, boru Adoolessa 10, 2015 galmee haaraa keenya, hanga baay’inaan galmeessinutti biqiltuuwwan dhaabuuf qophaa’aa jechuun Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.