Fana: At a Speed of Life!

Turtiin Dooktar Abiy Ahimad Ijiptitti taasisaan bu’aa qabeessa ture – Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC) – Turtiin Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ijiptitti taasisaan bu’aa qabeessa turuu Ministirri Tajaajila Koominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun ibsaniiru.

Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waltajjii Sudaanitti nagaa buusuuf biyyoota ollaa pireezidaantiin Ijipti Abdulfattaa Alsiisiin waamanirratti hirmaachuun kan yaadatamuudha.

Dooktar Laggaseen turtii Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ijiptitti taasisaan ilaalchisee ibsa laataaniiru.

Dooktar Abiy turtii isaaniin dhimmoota ijoo sadi haala milkaa’ina qabuun raawwaachuu Dokkotar Laggasaan eeraniiru.

Dooktar Abiy bu’uuraa misoomaa ammayyaa Kaayiroo haaraa daawwachuu eeraniiru.

Pireezidaantii Ijipti Abdulfattaahi Alsiisii waliin marii waloo bu’aa qabeessa taasiisuu kaasaniiru.

Dhimmoota nageenyaa, diingadee fi hawaasummaarratti xiyyeeffannoon mari’achuu himaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf waliigalteerra ga’uu dubbataniiru.

Tumsi fayyadamummaa waloorratti hundaa’e badhaadhinaa fi faayidaa waaraa biyyoota lamaaniif murteessaa ta’uu hoggantoonni lameen irratti waliif galuu eeraniiru.

Biyyoonni lameen miira walamantaan keessumaa Gaanfa Afrikaatti tasgabbii dhabuu mul’atuuf furmaata waaraa kaa’uuf waliin hojjechuuf waliigalteerraa ga’uu dubbataniiru.

Kun ammoo misooma naannawaaf murteessaa ta’uu himaniiru.

Kana taasisuuf biyyoonni lameen gidduu seentummaa alaa tokko malee walkabajaa fi qajeelfamaa kennanii fudhachuun michummaa isaanii cimsuu akka qaban mari’achuu eeraniiru.

Rakkoo yeroo Sudaan furuufis dureewwan biyyootaa ollaa Kaayiroo Ijibtitti kan mari’ataan yoo ta’u, humnoonni Sudaan walwaraanaa jiran haalduree tokko malee waliigaltee dhukaasa dhaabiinsaa akka taasisan gaafatamuu ibsaniiru.

Rakkocha irratti lammiilee Sudaaniif dhiyeessiin deeggarsa namoomaa akka argatanii fi humnoonni lameen marii hundagaleessaa saffisaan akka eegalan dureewwan waliigalteerra ga’uu dubbataniiru.

Kunis gidduu seentummaa biyyootaa alaa tokko malee fedhii ummataa Sudaan giddugaleeffachuun gaggeeffamuu akka qabu dureewwan kunneen yaada murtee dabarsuu isaanii kaasaniiru.

Ityoophiyaan haala walfakkaatuun rakkoo Audaan akka furamu akkasumas nageenyaa fi tasgabbii naannawichaf ejjennoo hinraafamne qabaachuu Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy ibsuu isaaniin himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.