Fana: At a Speed of Life!

Yeroo jalqabaaf Harargee Bahaatti Saliixni lafa hektaara kuma 2 olirratti kilaastaraan misoomaa jira

Finfinnee, Adoolessa 7, 2015 (FBC)- Bara kana yeroo jalqabaaf saliixni lafa hektaara kuma 2 fi 500 olirratti kilaastaraan misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Harargee Bahaatti beeksisee.

Itti Gaafatamaan Waajjiricha Obbo Geetaahuun Nigaatuu FBC’tti akka himanitti, kanaan dura oomishni saliixaa godinichatti beekamuu baatus, bara kana yeroo duraaf lafa hektaara kuma 2 fi 500 olirratti kilaastaraan misoomaa jira.

Kanaan dura qonnaan bultoonni fedhiidhaan lafa muraasa irratti oomisha turuu kaasuun, wayita ammaa xiyyeeffannoo oomishichaaf kennameen Aanaalee gammoojjii godinichaa 5 keessatti kilaastaraan misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomishni Saliixaa godinichatti inisheetiiviiwwan xiyyeeffannoon hojjatamaa jiran 14 keessaa tokko ta’uu kaasuun, galii qonnaa bulaa dabaluun cinatti, wabii midhaan nyaataa mirkaneessuun gama alergiin galii biyyattii dabaluu keessatti gahee olaanaa qabachuu Obbo Geetaahuun himaniiru.

Bara dhufuttis Aanaalee Gammoojjii fi Baddaa godinichaa omiisha kanaaf mijatoo ta’anitti misooma Saliixaa babal’isuuf kan hojjatamu ta’uu dubbatan.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.