Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Bahirdaaritti piroojektiin Bishaan dhugaatii jiraattoota kuma 147 tajaajilu eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC) – Magaalaa Bahirdaaritti piroojektiin Bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii miiliyoona 650 hojjetame eebbifameera.

Piroojektiin kun deeggarsa maallaqaa mootummaa Jaappaanirraa argameen ijaaramuu ibsameera.

Pireezidaantiin naannichaa Dooktar Yiliqaan Kaffalaa fi Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen piroojektii kana eebbisiisaniiru.

Piroojektichi sekondii tokkotti bishaan Liitira 339 maddisiisuu danda’a jedhameera.

Boolla bishaanii 9 fi Kuusaawwan Bishaan Liitira miiliyoona 6.9 kuusuu danda’u qaba jedhameera.

Jiraattoota kuma 147f tajaajila laachuu kan danda’u ta’uu AMCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.