Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli misooma beeyladaa qonnaaan bultoota Finfinnee eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 6, 2015 (FBC)- Giddugalli misooma beeyladaa qonnaaan bultootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinne eebbifame.

Giddugalichi qonnaan bultoota misoomaaf kaafaman utuubuuf yaadame kan ijaarame yoo ta’u, lafa karee metira kuma 140 irratti kan ijaarame ta’uun ibsameera.

Giddugalichi, loon furdisuu, horsiisa loon aananii, horsiisa lukkuu fi qindeessa nyaata beeyladaa fi kan biroo kan of keessaa qabu ta’uun eeameera.

Qonnaan bultootaa kaafamtoota misoomaa damecharratti bobba’an 485’f giddugala ogummaa, qorannoo, fayyadama galtee fi teeknooloojii ta’ee kan tajaajiludhas jedhameera.

Dabalataan, giddugallii gabaa oomishaa midhaanii Kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittii argamuu fi suuqiiwwan gurgurtaa 70 ol qabu eebbisiisuu Aadde Adaanecha gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

“Dhiibbaa jireenyaa jiraattotaa keenyaa salphisuu fi fayyadamummaa haqa qabeessaa mirkaneessuuf, amanamummaa fi carraaqiin hojjechuu itti fufna” jedhaniiru.

Sirna eebba giddugalicharratti Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, qondaaltoonni mootummaa, abbootii gadaa fi kutaaleen hawaasa garaagaraa hirmaataniiru.

Amartii Tasfaayeetu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.