Sagantaan Ashaaraa magariisaa kan dinqisiifamuu fi hojii caalmaaf kan kakasuudha – Ergamtuu Addaa Jarman
Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa Ityoophiyaan gaggeessaa jirtu kan dinqisiifamuu fi hojii caalmaaf kan kakasu ta’uu Ergamtuun Addaa Hojiirra Oolmaa Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa Waajjira Dhimma Alaa Jarman Jeeniifar Lii Moorgaan ibsaniiru.
Jeeniifar Lii Moorgaan turtii Faanaa Biroodkaastiing Korpoteet waliin taasisaniin, Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabalatee hoggansi sadarkaan jiru ummata waliin sagantaa ashaaraa magariisarratti hirmaachaa jiraachuu isaanii dinqinsiifataniiru.
Afrikaan jijjiirama qabeenya qilleensaa keessatti gumaachi qabdu xiqqaa ta’us faalama qilleensaa biyyoota Indaastiriin badhadhanirraa dhufuun garuu adda durummaan kan miidhame Afrikaa ta’uu kaasaniiru.
Miidhaa qaqqabeef biyyoonni Indaastiriin Badhaadhaan Afrikaaf beenya kaffaluu akka qaban yaadachiisaniiru
Yoonaataan Yooseeftu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.