Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Huwaajaan huguuggii fuulaa fi funyaanii kuma 100 arjoome

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Huwaajaan huguuggii fuulaa fi funyaanii kuma 100 arjoome.
 
Dhaabbinna Chaayinaa ‘Huwaajaan gruup’ jedhamu Ityoophiyaatti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf haguuggii fuulaa fi funyaanii kuma 100 arjoomuu ibsame.
 
Dhaabbatichi haguuggii fuulaa fi funyaanii kanneen dabalatee meeshaalee qulqullinaaf oolan biroo bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad fi Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa argamanitti deeggarsaan laachuu isaa ibsameera.
 
Akka EBCn gabaaseetti hoggantoonni dhaabbatichaa deeggarsi kun kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Meeshaaleen deeggarsaan argaman kunneen dhaabbilee fayyaaf kan rabsaman ta’uu Dooktar Liyaan himaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.