Fana: At a Speed of Life!

Muudamni abbootii seeraa 53 ragga’e

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)- Caffeen Oromiyaa muudama abbootii seeraa 53 raggaasise.

Manni Murti Waliigalaa Oromiyaa jijjiirraa fi ramaddii haaraan abbaa seerummaa hojjetamu akkuma jirutti ta’ee abbootii seeraa mana murtii aanaa keessaa mana murtii olaanaatti guddisuuf abbootii seeraa 31 calaluun dhiyeesseera.

Kana malees abbootii seeraa Mana murtii olaanarraa gara Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti guddisuuf abbootii seeraa 19 kadhimummaan dhiyeesseera.

Kana malees muudamni isaanii utuu hinmirkanaa’in hojjechaa kan turan muudamni abbootii seeraa sadii akka ragga’uuf dhiyaataniiru.

Haaluma kanaan Caffeen muudama abbootii seeraa 53 sagalee calmaan raggaasiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.