Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa Baajata bara 2016’f Birrii Biiliyoona 221.5 raggaasise

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)-Naannoon Oromiyaa Baajata bara 2016’f Birrii Biiliyona 221 fi miiliyoona 517 ol raggaasise.

Caffeen Oromiyaa Yaa’ii idilee 5ffaa har’a gaggeesseen baajataa Mootummaa Naannoo Oromiyaa bara 2016 dhiyaaterratti mari’ateera.

Haaluma kanaan baajataa 2016 Birrii biiliyoona 221.5 ol kan dhiyaatee yoo ta’u kana keessaaa Birri biiliyoonni 137.8 deeggarsa baasii baajataa aanaalee fi magaalaaf kan oolu, baasii naannoof Birri biiliyoona 83.09, baajata kaappitaalaa naannoof Birrii biiliyoona 54.25, baajata itti eeggannoof Birrii miiliyoonni 600 kan qabame ta’uun ibsameera.

Haaluma kanaan baajata bara 2016 Birrii Biiliyoona Birrii Biiliyona 221 fi miiliyoona 517 kuma 956 fi 655 raggaasiseera.

Baajatni bara 2016 kunis kan bara darbeen yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 62.88 yookaan %40 caalmaa akka qabu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.