Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan humna haareffamaa irratti misooma gaggeessitu Jarman ni deeggarti- Janiifar Lii Morgaan

Finfinnee, Adoolessa 4, 2015 (FBC)-Ityoophiyaan sodaa jijjiiramaa qabeenya qilleensaa dhaabuu fi diinagdee magariisaa ijaaruuf misoomaa humna haareffamaa gaggeessitu Jarman deeggaruuf qophii ta’uu ibsite.

Ergamtuun Addaa Hojiirra Oolmaa Jijjiirama Qilleensaa Idil Addunyaa Waajjira Dhimma Alaa Jarman Janiifar Lii Morgaan FBC waliin taasisaniin, Ityoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dhaabuuf tattaaffii taasiftu jarmaan deeggaruu itti fufti jedhan.

Diinagdee magariisaa jijjiramaa qilleensaa dandamatu ijaaruuf, tattaaffii taasifamu kan deeggartu Jarman damichaan deeggarsa ishee %3’n akka guddistu eeraniiru.

Ityoophiyaan qabeenya umamaa fayyadamuun misoomaaf tattaaffii taasiftu biyyi isaanii akka deeggartu Janiifar Lii Moorgaan mirkaneessaniiru.

Damee qonnaa irratti hojiilee gaggeeffamaa jiran muuxannoo qooduun maallaqaan akkasumas meeshaalee qonnaa ammayyaa dhiyeessuun deeggarsa akka taasiftu himaniiru.

Ityoophiyaa fi Jarman damee anniisaan hammattoo walta’iinsaan, ce’umsa dhiyeessii anniisaa faalama idil addunyaawaarraa walaba ta’e akka saffisiisuus hubachiisaniiru.

Yoonaattan Yooseeftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.