Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf fageenya of eeguun barbaachisaadha

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) –Tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf fageenya of eeguun barbaachisaa ta’uu ibsame.
 
Imaltoonni tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf fageenya ofii eeggachuu akka qaban Ministeerri Geejjibaa beeksise.
 
Ministirri Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Mogas vaayrasii koroonaa ittisuuf hojiilee tajaajila geejjiba baabuura lafaa Ityoo –Jiibuutiitti hojjetamaa jiru daawwataniiru.
 
Imaltoonni yeroo tikkeetti muratan, yeroo koranii fi yemmuu taa’aan fageenya ofii eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru.
 
Waldaan tajaajila geejjiba baaburaa Ityoo –Jiibuutii tatamsa’ina vaayrasichaa ittisuuf iddoo ka’umsaa fi ga’umsaa keemikaalaan quqlulleessuu akka qabus himaniiru.
 
Akkasumas imaltoonni yeroo gara baabuuraa seenaan qorannoo hoo’ina qaamaa taasisuu fi sirna dhiqannaa harkaa, alkoolii fi saanitaayzariitti fayyadamuurratti xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jechuu isaanii ragaan ministeericharra argame ni muul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.