Fana: At a Speed of Life!

Baatiiwwan ja’aaf gatii kiraa manaa dabaluunis, kireeffataa baasuunis hindanda’amu-B/M/Finfinnee

Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Baatiiwwan ja’an dhufaniif gatii kiraa manaa dabaluunis ta’e kireeffataa baasuunis akka hindanda’ame Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qaala’insi jireenyan jiraatoota magaalichaa galii gadaanaa argatan irraan dhiibbaa ga’u hir’isuuf gatiin kiraa manaa dabaluun akka hindanda’amne yeroo garagaraatti murtee dabarsuu yaadachiiseera.

Fuuldurattis, waliigaltee dhuunfaan taasifamuun alatti kan mana kireessu kamuu ji’oottan ja’an dhufaniif kiraa gatii dabaluun akkasuma kireeffataa baasuun akka hindanda’amne bulchiinsichi magaalichaa hubachiiseea.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.