Hojiirra oolmaan waraqaa eenyummaa dijitaalawaa damee faayinaansi cimaa ijaaruuf gargaara jedhame
Finfinnee, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Hojiiraa olmaan Waraqaa Eenyummaa dijitaalawaa Biyyalesaa maallaqa waliin dhahuu hir’isuuf, waliingahiinsa tajaajila faayinaansii dabaluu fi eenyumaa foyya’aa maammiltootaa mirkanneessuun damee faayinaansii cimaa ijaaruuf kan dandeesisuu ta’uun ibsameera.
Baankiin Biyyalessaa Ityoophiyaa fi Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyalessaa waliin ta’uun hojiiraa oolma Piroojeektii mataduree ‘’Waraqaa Eenyummaa Dijitaalawaa damee faayinaansiif‘’ jedhuu jalqabuu beeksiseera.
Hojiirraa oolmaa Waraqaa Eenyummaa Dijitalawwaa irrattii sagantaa lama eegaluu Baankichi ibseera.
Sagantaan jalqabaan, dhaabbileen Faayinaasii hundi bara baajataa 2016’tti maamiltoota isaanii hunda sirna dijiitalaa keessa galchuun fayyadamoo taasisuu ibsameera.
Sagantaan 2ffaan, kenniinsa tajaajilaa saffisiisuu fi nageenya sirna faayinaasi eegsisuuf karoorsuun, damee Elektrooniksi ‘Maamila kee beeki’ (ekYC) keessa waraqaa Eenyummaa Dijiitalaawaa fayyadamuu ta’uun ibsameera.
Adeemsi akkanaa eenyummaa sirri fayyadamtoota dhaabbiilee faayinaansii mirkanneessuun nageenya bittaa fi gurgurtaa faayinaansii eeguu fi yaaddoo walfakkaatoo hir’isuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Baankii Biyyalessaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.