Fana: At a Speed of Life!

Xaaliyaanitti guyyaa kaleessaa qofa namoonni 627 vaayrasii koroonaan du’an

Finfinnee, Bitootessa 12, 2012 (FBC) – Xaaliyaaniiti guyyaa kaleessaa qofa namoonni 627 vaayrasii koroonaan du’uu isaanii ibsameera.
 
Waliigala biyyattitti namoota kuma 47 fi 21 dhibichaan qabaman keessaa namoonni kumni 4 fi 32 yoo du’an, dooktoroonni yaala kennee turan 13 du’uu isaanii himameera.
 
Biyyattiitti Roobii darbe namoonni 475, Kamisa namoonni 427 fi Kaleessa ammoo namoonni 627 du’aniiru.
 
Ameerikaatti namoota kuma 18 fi 500 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 220 du’aniiru.
 
Ameerikaa magaalaa Niiw Jeersitti haati ganna 75 tokko ijoollee ishee 3 waliin lubbuu dhabdeerti.
 
Chaayinaatti namoota kuma 81 fi 416 COVID- 19n qabaman keessaa namoonni kumni 3 fi 261 du’uun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Sadarkaa addunyaatti namoota kuma dhibba 2 fi kuma 75 ol vaayrasichaan qabaman keessaa namoonni kumni 11 ol du’aniiru jedhame.
 
Chaayinaan dhibee kana ittisuuf ogeeyyii yaala fayyaa biyyoota garaagaraatti bifa deeggarsaan ergaa jirti jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.