Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Dirree Dhawaa hojiilee rakkolee hawaas-diinagdee lammiilee salphisanirratti akka hirmaatan gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Dargaggoonni Dirree Dhawaa baatiiwwan Gannaatti hojiilee rakkoolee hawaas-diinagdee lammiilee salphisan irratti akka hirmaatan Ittaanaan Kantiibaa Magaalatti Harbii Buhii gaafatan.

“Gaarummaa olka’iinsa Ityoophiyaaf” mata duree jedhuun dargaggoonni kuma 76 ol kan irratti hirmaatan tajaajilli tola ooltummaa Gannaa Magaalaa Dirree Dhawaatti har’a eegaleera.

Tajaajila tola ooltummaa Gannaa Magaalattiin hojiileen Birrii miiliyoona 32 olitti tilmaamaan kan gaggeeffaman ta’uu kan eerame yoo ta’u, kanneen bara darbe hojii kanarratti hirmaataniif beekkamtii kennameera.

Obbo Harbii Buhii daraggoonni hojiilee Ganna kana hojjetamaniin dameelee tola ooltummaa rakkoolee hawaas-diinagdee lammiilee salphisan irratti humna, beekkumsa fi ogummaa isaaniin akka hirmaatan gaafataniiru.

Magaalichatti Ganna kana hojiileen tola ooltummaa dameelee 13 irratti akka hojjetamanii fi dargaggoonni kuma 76 ol akka hirmaatan eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.