Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy guyyaa tokkotti Biqiltuu Miiliyoona 500 dhaabuuf waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad Adoolessaa 10, 2015 “Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun seenaa haa hojjennuu” jechuun waamicha dhiyeessan.

Guyyichatti Ityoophiyaanonni “galmee haaraa haa galmeessinu” jedhaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy ibsa baasaniin, Ashaaraan Magariisaa nu’iif waan hedduu akka ta’e kaasaniiru.

Oomishtumma qonnaa kan guddisu, wabii nyaataan of akka dandeenyu kan taasisu, yeroo lama-sadii oomishnee oomisha nyaataa gatii gadaanaan akka argannu, laggeen akka guutaan taasisuun jallisii fi bishaan dhugaatiin akka addaan hincitne kan taasisu ta’uu eeraniiru.

Uwwisaa bosonaa dabaluun madaalaa qilleensaa fi nageenyummaa Hidhaa Haaromsaa kan eeguudhas jedhan.

‘Ityoophiyaa Jiituu’ jennee kan leellisneef akka dhugoomu kan taasisuu, seenaa hongee fi beela jedhaman gogsuuf dandeetti kan uumu ta’uu himaniiru.

Beeylada dhaabbiin lakkoofsan qofaa utuu hintaane, oomisha beeyladaan addunyarratti akka beekamnu kan taasisu, kuduraa fi muduraa, mi’eessituuwwan qe’ee keenyatti akka argannu kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Galii tuuriizimii qabeenyaa uumamaa guddisuuf carraa kan uumu waan ta’eef, Ashaaraan Magariisaa nu’iif waan hedduudha jechuun eeraniiru.

Ashaaraan magariisaa dhaloonni akka idaa kaleessaa kaffalu, biyyaa bosonaan uwwifamtee turte akka qullaa hintaane kan taasise nu’ii jedhan.

Kan dhaabne caalaa kan murree akka caalu; kan kunuunsine caalaa kan bobeessine akka heddummaatu himaniiru.

Kun ammo galmee seenaa bosona biyyattii kaleessarratti kan argamuu ta’uu yaadachiisanii, kanaaf ashaaraan magariisaa idaawwan kanaan duraa akka kaffallu taasisa jedhaniiru.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, Ashaaraan Magariisaa sirreessituu jireenyaa ta’uus kaasaniiru.

Jireenyi dhala namaa bara keenyaa, jireenya magariisawaa ta’uu ibsuun, uumama waliin kan waliigale, uumamaaf gatii kan kennu, uumama keessa kan da’eeffate ta’uu himaniiru.

Namni uumama dhabuudhaan gatii hammaataa kaffalaa akka jiruullee eeraniiru.

Dhukkuboota salphaatti irraa fayyuu hindandeenye, haala qilleensaa yeroo yeroon jijjiiramu, qaamoleen bishaanii xiqqaachuu fi hir’isuu, cabbiiwwan waaltaawwanii baquu, qaroomina dhala namaa gatantarsaa jirachuu eeran.

Keessumaa biyyoonni guddachaa jiran, liqii qaroomina biyyoota guddatan akka baatan taasifamaa jira.

Kanaaf guddina keenya uumama waliin walsimsiisuun taasisuun baaftuu ta’uu himaniiru.

Nuti biyyoonni duubaan dhufne, warra nu duraa irraa barachuunneerra.

Qaroominni uumama waliin yoo walbuusu, gaaga’ama hordofsiisu idaa malee dhandhamneerra.

Ashaaraan magariisaa dhaloota boruuf qabeenya dilbiidhaa kan jedhan Dooktar Abiy, biyyii nuti dhaalchifnu gama hundaan kan birmadummaan ishee gama siyaasaa, diinagdee, dippilomaasii, hawaasummaa, qabeenya uumamaan eegame ta’uu qaba jedhaniiru.

Manni balbala ja’a qabu, hanga balballi tokko banaa ta’etti, balbaloonni kaan cufamuun nageenya isaa hinmirkaneessu.

Hanga birmadummaan biyyaa dameewwan hundaan hineegamnetti balbala banameen kan seenuun baay’eetu jira.

Anniisaa haaromfamu madda anniisaa olaanaa taasisuuf ummatoonni kutannoon kaane, Ashaaraa magariisaas akka duula Adwaa eegduu birmadummaa keenyaati jedhaniiru.

Waggoota shanan darban biqiltuu biiliyoona 25 dhaabneerra.
Dhaabuu qofa osoo hintaane hamma dandeenye kunuunsineerra s jedhan.

Naannawaan keenya jijjiiramaa jiraachuu, dhiqamuun biyyee hir’achaa jiraachuu, simbirroonnii fi bineensonni deebi’aa jiraachuu, haalli roobaa fooyya’aa jiraachuus kaasaniiru.

Qulqullinni laggeen keenyaa eeggamaa jiraachuu, magaalonni bosonaan uwwifamuu biqiltuu iji isanii nyaatamu dhaabuun oomishuun aadaa taaaa jiraachuus eeraniiru.

Baranaa naannoolee, godinaalee fi aanaalee hundatti Ganna kana biqiltuu biiliyoona 6.5 dhaabuuf hojjechaa jirra jedhan.

Gaarreen, qarqara laggeenii, mooraa qe’ee keenyaa, iddoowwan duwwaan mandarootaa, mooraa manneen amantalee, mooraa manneen barumsaa fi waajjiraalee, lafa qonnaa fi dheedicha beeyladaatiif hinoolle, bosonaan uwwifamuu qabu.

Warri bakka dhaabnu hinqabne meeshaalee garaagaraa keessa dhaabuun, gamoowwan keenya magariisa uffachuu qabu jedhan.

Hanga Itoophiyaan waggaa guutuu magariisa uffattutti dhaabuu itti fufna.

Kanaaf Adoolessaa 10, 2015 guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun seenaa haa hojjennuu jechuun Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Guyyichattii Ityoophiyaanonni galmee haaraa ofii keenyaa haa galmeessinu jedhaniiru.

Kanaan dura guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 350 ol dhaabnee addunyaa raajeffachiisneerra.

Bara kana ammoo guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuun galmee ofii keenyaa ni fooyyessina, dhaloota seenaa hojjetu ta’uu keenya addunyaaf ni argisiifna.

Ityoophiyaanonni yoo idaa’amne dameewwan hundaan waan yaadne galmaan gahuu akka dandeenyu amantaa qaban ibsaniiru.

Adoolessa 10, 2015 Aduun baatee hanga Lixxutti, lammiin Ityoophiyaa kamuu mana hinoolu.

Daa’ima baatamtu, maanguddoo dullumaana dadhaban, dhukkubsataa siree irra jiruun alatti namni kamuu mana hinoolu jedhan.

Sababni isaas kun dhimma siyaasaa miti; sagantaa paartii miti; dhimma mootummaas miti.

Ityoophiyaan waan uffattuf kun dhimma Ityoophiyaati jedhan.

Bu’aan isaas nu bira darbee gara addunyaaf kan ooludhas jedhaniiru.

Kanaaf amantaa fi aadaa, dhaaba siyaasaa fi ilaalcha, umrii fi koorniyaa, barnootaa fi sadarkaan jireenyaa osoo wal hinqoodin Adoolessa 10 Aduun ba’uun dura baanee, galgala deebina.

Ityoophiyaa magariisa uffifna.

Bu’aan Ashaaraa Magariisaa addunyaa guutuuf ta’uu himaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa biyya alaa jiraattan, Embaasiiwwan, hojjettoonni dhaabbilee idil-addunyaa, imaltoonni Ityoophiyaarraan darbitan, sababa adda addaatiin akka tasaa lammiileen biyya alaa gara Ityoophiyaa dhuftan Adoolessa 10 Ashaaraa Magariisaa isaanii akka kaa’an waamichaa dhiyeessaniru.

Karaa Ityoophiyaatiin addunyaa uffisuun, yeroo Ityoophiyaan seenaa hojjettu qaama seenichaa ta’aas jedhan.

“Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 ni dhaabna; Ashaaraa Magariisaa keenya ni keenya” jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.