Fana: At a Speed of Life!

Hararii fi Kibbatti sosochiin fooyyessa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa eegale

Finfinnee, Adoolessa 1, 2015 (FBC)- Naannolee Hararii fi Kibbaatti sosochiin fooyyessa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa eegaleera.

Naannoo Kibbaatti Ministirri Ministeera Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaa, Pireezidaantii Naannoo Kibbaa Obbo Ristuu Yirdaan Godina Guraageetti Mana Barnootaa Bultii Addaa Bu’iif dhagaa bu’uuraa kaa’uun sosochicha eegalchiisaniiru.

Pirofeesar Birhaanuu Naggaan akka jedhanitti, biyyattiitti lammiileen hunduu barnoota haqa qabeessaa fi qulqullina qabu akka argataniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Hoggantoonni dhaloota egeree biyyattiis ga’umsaa fi dandeetti isaaniin kan keessaa filaman manneen barnootaa bultii addaa 50 akka ijaaraman ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, Naannoo Harariitti sosochiin fooyyessaa bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa har’a eegaleera.

Sosochichi, Ittaanaa Pireezidaantii Naannichaa Aadde Misraa Abdallaa fi Ministir Deetaa Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Maandaafiroon eegalchiisaniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa isaanii gadi ta’an fooyyessuuf hunduu ashaaraa isaa kaa’uuf gahee isaanii akka bahatan Aadde Misraan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.