Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti yeroon kaffaltii gibiraa baatii sadiif dheerate

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC)- Kaabineen Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay walga’ii idilee gaggeesseen haala yeroo naannichaa tilamaama keessa galchuun murtoowwna garaagaraa dabarseera.

Murtoowwan darban keessaa yeroo kaffaltii gibiraa bara baajataa 2015 dheeressuu yoo ta’u, haaluma kanaan yeroon kaffaltichaa hanga Fulbaana 30, 2016’tti akka dheeratu murteesseera.

Yeroon eeyyamni daldalaa itti haareffamus yeroo walfakkaataa hanga fulbaanaa 30, 2016tti dheereffamuun ibsameera.

Sababa waraanaa kutaa Kaabaa biyyattiitti mudateen bu’uuraalee misoomaa garaagaraa ijaaruuf kan oolu, kontiraktaroonni waliigaltee seenanii dirqama isaanii hinraawwanne waliigaltee isaaniis akka haaressan murteeffamuu ragaan Waajjiraa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.