Fana: At a Speed of Life!

Talaalliin dhibee Busaa Afrikaaf raabsamuufi

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Talaallii dhibee Busaa jalqabaa Afrikaaf raabsuuf ta’uu beeksiise.

Waggoottaan lamnaan itti aanaan talaallii miiliyoona 18 biyyoota Afrikaa 12 kan raabsu ta’uu dhaabbatichi ifoomseera.

Talaallichi yaaliif bara Faranjootaa 2019 eegalee Gaanaa, Keeniyaa fi Maalaawwiitti daa’immaan miiliyoona 1.7 laatamuu Dhaabbanni qindoomina Talaallii Addunyaa fi dhaabbanni deeggarsa Daa’immanii ibsa waloon laataniin himaniiru.

Beeniin , Burkiinaa Faasoo, Burrundii, Kaameeruun, Rippaabilik Diimookiraatawaa Koongoo, Laayibeeriyaa, Niijar, Seeraaliyoonii fi Ugaandaaf talaallichi yeroo dhiyootti kan raabsamu ta’uu RT gabaaseera.

Bara Faranjootaa 2021 qofa biyyoota Afrikaatti daa’immaan umrii waggaa 5 gadii kuma 500tti hiiqan dhibee Busaan du’uu ibsameera.

Talaallichi Dhaabbata Faarmaasiiyuutiikaalii Idil Addunyaa Biriitaaniyaan kan oomishame ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.