Fana: At a Speed of Life!

Ambootti Pirojektoonni garaagaraa 41 Birrii miiliyoona 327’n ijaaraman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC)- Bulchiinsaa Magaalaa Ambootti Pirojektoonni 41 Birrii miiliyoona 327’n ijaaraman xumuramuun eebbifamaniiru.

Sirna eebbicharratti Miseensi Caffee fi Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Magaaloota Obbo Abdulqaadir Husseen haasawaa taasisaniin, mootummaan pirojektoota jalqabsiisu akkasumas xumuruuf qabatee Magaalaa Ambootti arguu dandeenyerra jedhan.

Kantiibaan Magaalicha Obbo Haacaaluu Gammachuu gama isaaniin, pirojektoonni kunneen hojii dhabdummaa hedduu akka hir’ise eeruun, pirojektoota eegalaman yeroo qabame keessatti xumuruun, milkaa’ina olaanaa ta’uu dubbachuu ragaan kominikeeshinii magaalicharra argame ni mul’isa.

Dabalataan, Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Noonnoo magaalaa Birbirsaatti pirojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 54 oliin ijaarame jila Komishinara komiishinii Mana Sirreessaa Oromiyaa Ibiraahim Hajjii fi Bulchaa Godina Iluu Abbaa Boor Obbo Indaalkaachoo Tafariin durfamuun eebbifameera.

Haaluma walfakkaatuun, Godina Jimmaa Aanaa Limmuu Kossaatti pirojektoonni misoomaa gara garaa Birrii miiliyoona 468 oliin hojjetaman Hoogganaa Biiroo Carraa Hojii uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa fi hooggantoota naannichaa biroon eebbifamaniiru.

Pirojektoonni eebbifamanis bishaan dhugaatii, keellaa fayyaa dhaloota 2ffaa fi kanneen biroo ta’uun himameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.