Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee jiran adeemsa maree biyyaaleessaan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC) – Rakkoolee jiran adeemsa maree biyyaaleessaan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Caasaan Humna addaa akka diigamu qaamni dhimmi ilaallatu hundi erga irratti mari’atee booda caasaan kun raayyaa Ittisaa, Poolisii Federaalaa fi Poolisii Idileetti akka makaman ta’eera jedhan.

Yeroo ammaa qaamni itti yaadee rakkoo uumuuf gurmaa’ee hojjetu jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsa miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf laataniin himaniiru.

Rakkoolee jiran adeemsa maree biyyaaleessaan furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Miidiyaalee olola sobaa tamsaasuun biyyi akka hin tasgabboofne hojjetaa jiranirratti akkaataa seeraan hojiin olaantummaa seera kabachiisuu hojjetamuu qaba jedhan.

Dhaabbileen amantaa akkaataa seeraan manneen amantaa seera qabeessa ijaarrachuu danda’u, wanti gara ijaarsa seeraan alaatti isaan galchu tokkooyyuu hin jiru jedhan.

Maalammaltummaan iddoo hunda waan jiruuf, ittisuuf araarama tokko malee ni hojjetama jedhan.

Rakkoo daldala Jimaa walqabatee jiru furuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.