Fana: At a Speed of Life!

Jijjiiramni qabeenyaa qilleensaa hamaan mudachuu danda’aa-WHO

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) jijjiramni qabeenya qilleensaa hamaan Addunyaa irratti mudachuu akka danda’u ibse.

Daayrektarri Olaanaan Dhaabbaticha Dooktar Tewoodiroos Adihaanoom, bara Faranjoota 2023’tti jijjiramni qabeenya qilleensaa hammaatee itti fufuu fi torbee kana keessaa ho’inni olaanaan galma’uu ibsaniiru.

Jijjiiramni qabeenya qilleensaa fayya namootaa irratti dhiibbaa qabaachuu kan kaasaan Daayrektarichi, jijjiiramni qabeenya qilleensaa irratti mul’achaa jiru beelaa, godaansaa fi yaddoo uumuu eeraniiru.

Dabalataniis, jijjiirama mul’achaa jiru hordoffee ji’oottan dhufan keessa hongee, lolaa, oboomboleettii fi ho’i olaanaan mudachuu akka danda’an ibsameera.

Yeroo amma keessumaa Gaanfaa Afrikaatti hongee yeroo dheeraa mudateen fayyaa hawaasa Ardicharratti dhiibbaa olaanaa geessisuu kaasaniiru.

Ityoophiyaa dabalatee, Jibuutii, Keeniyaa, Sudaan Kibbaa fi Ugaandaatti hongee mudaateen lammiileen miiliyoona 60 ol rakkoo wabii nyaataaf saxilamuu dubbataniiru.

Ragaan Raaga Haala Naannawaa Biyyaaleessaa Ameerikaa Wixataa darbee ho’ina olaanaan galma’uu ifoomsuu RT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.