Fana: At a Speed of Life!

Guddinni diinagdee Ityoophiyaa qabatamaan kan mul’atudha- Dr. Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2015 (FBC)-Guddinni Diinagdee Ityoophiyaa raagaa saayinsaawaa ogeeyyiin kaa’amuu cinatti guddina qabatamaan mul’atu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummtaa walga’ii idilee 28ffaa bara hojii 2ffaa bara Paarlaamaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad mana mirichaaf damee diinagdee biyyattiirratti ibsa kennaniin fooyya’iinsi diinagdee biyyaa keessaa galma qabatee ka’ee keessaa damee dhuunfaa ijoo ta’uu kaasaniiru.

Diinagdee gooroon cabinsaa uumamee suphuu, fooyyessuuf kan tumsu ta’uu kaasanii, haalli qabatamaa diinagdee Ityoophiyaa qabatamaan guddina argisiisaa jirachuu kaasaniiru.

Galmi diinagdee biyya keessaa rakkoolee garaagaraan gufatus, fooyya’iinsa diinagdee biyyaa keessaa marsaa 2ffaa hojiirraa oolchuuf karoorfamuu kaasaniiru.

Kanaanis galmoonni karoora fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa marsaa 2ffaa cabiinsa diinagdee dhaalaman suphuu fi guddina itti fufsiisuuf akka ta’e himaniiru.

Raagaa guddinaa diinagdee jiruun baatii Fulbaana dhufutti guddinni diinagdee Ityoophiyaa %7.5 kan eegamuu ta’uu Dooktar Abiy Kaasaniiru.

Dhaabbannii Maallaqaa Addunyaa (IMF) raagaa baaseen barana guddinni diinagdee addunyaa %2.8, bara dhufuu ammo %1.8 hir’isuun guddiinni akka jiraatu eereera jedhan.

Raagaa guddina diinagdee biyyoota Gammoojii Sahaaaraa gadii akka argisiisuutti bara dhufu guddina diinagdee %4.2 akka eegamuu kan mul’isu ta’us, Ityoophiyaan kana keessatti ilaalamuu akka qabduu eeraniiru.

Ityoophiyaan ammoo biyyoota guddina saffisa galmeessaa jiran keessaa tokko ta’uu himaniiru.

Oomisha waliigalaa biyyattii (GDP) keessa dameen qonnaa guddina % 6.3, Indaastiriin %8.2, tajaajilli ammoo %7.1 akka eegamuu kaaasniiru.

Daballiin meeshaalee shaqaxaa bara darbee waliin yommuu walbira qabamuu %11‘n hir’atus, meeshaaleen alergii %14 daballii agarsiseera.

Akkasumaas kufamaa sharafaa alaa %4.8 dabaluu fi %10.5 immoo invastimantiin alaa daballii argisiisuu Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Guddinnii kunis hojiilee bal’inaan hojjetamaa jiraaniin akka mirkanaa’uu fi qabatamaan kan mul’achaa jiru ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.