Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Liyaa Taaddasaan jila Biiroo Fayyaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan miseensota jila Biiroo Fayyaa Chaayinaa Bulchiinsa Hanaan irraa dhufan waliin mari’ataniiru.

Dooktar Liyaan, Hospitaala Xurunash Beejiingiin cimsuuf hordoffii fi deeggarsa barbaachisaan taasifamaa jiraachuu marichaan ibsaniiru.

Deeggarsa Chaayinaan tajaajila Hospitaalichaaf taasifte sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf tumsa jedhameera.

Hospitaalichi wal’aansa tasaa fi balaan, tajaajila fooyya’aa kennuu fi galteedhaan akka cimuuf mootummaan Chaayinaa deeggarsa akka taasisu gaafataniiru.

Hanga ammaatti mootummaa fi ummanni Chaayinaa deeggarsa taasisaniif galateeffachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.