Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an hojjetamaa jira-Amb. Zhi’oo Zhiyoo’aan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiirratti akka bobba’an hojjetamaa jiraachuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarrii Chaayinaa Zhi’oo Zhiyoo’aan ibsan.

“Walta’iinsa Chaayinaa-Ityoophiyaa fayyadamummaa waloo fuulduraaf” mata duree jedhuun fooramiin itti gaafatamaa hawaasummaa dhaabbilee Chaayinaa Mana Maree Daldalaa Chaayinaan qophaa’e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramicharratti, dhaabbileen Chaayinaa Ityoophiyaatti hojjechaa jiran, yeoo kamuu caalaa itti gaafatama hawaasummaa isaanii bahachuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Interpiraayizoonni Chaayinaas naannawaa bobba’anitti eegumsa naannawaaf xiyyeeffannaa kennuu fi jijjiiraama hawaas-diinagdee jiraattotaaf gahee irraa eegamu bahachuun tumsaa misoomaa isaanii itti fufu jedhan.

Chaayinaan Ityoophiyaa waliin walta’iinsaa hunda galeessaa, waltajjiiwwan gama lameenii, naannawaa fi idil addunyaa cimsuun akka itti fufsiistu Ambaasaaddar Zhi’oo Zhiyoo’aan dubbataniiru.

Komishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Nameen, mootummaan abbootii qabeenyaa alaa hawachuu fi naannawaa hojii mijataa uumuuf jijjiiramoota eegale cimsee itti fufuu dubbataniiru.

Hoji Gaggeessaa Olaanaan Koorporeeshinii misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa Obbo Akiliiluu Taaddasaan gama isaaniin, abbootiin qabeenyaa Chaayinaa carraa hojii kan uuman ta’uu ibsaniiru.

Wandasan Araggaahaanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.