Fana: At a Speed of Life!

Jilli Koomishinii Olaanaa Dhimma Godaantota DhMG buufataa godaantotaa Jaawwee daawwatan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Jilli Ittaanaa Komishinaraa Koomishinii Olaanaa Dhimma Godaantotaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Keelii Kilimantiiin durfamu buufata godaantotaa Jaawwee daawwateera.

Keelii Liimantis fi jilli isaanii kaampichatti hojiilee godaantotaaf galii argamsiisan fi bu’uuraalee misoomaa hojjetaman daawwateera.
Wayita daawwanichattis Ityoophiyaan godaantota hedduu keessummeessaa jiraachuu fi sadarakaa addunyaattis kan galateeffachiisuudha jedhan.

Baay’inni godaantotaa sadarkaa addunyaan walqabatee hanqinni nyaataa akka hinmudanne godaantonni misoomaarratti hirmaachuu akka qaban ibsaniiru.

Dhaabbileen tumsitootaas tumsa taasisan cinaatti, kaampii jiraatanitti carraa hojii uumuun galii maddisiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Daayrektarri Tajaajilaa Goddaantotaa fi Godaansaa Deebitootaa Tasfaahuun Gobazaay gama isaaniin, kaayyoon daawwannichaa dhaabbileen tumsitootaa kaampii godaantotaatti rakkoolee mul’ataniif fuulduratti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin kallattii furmaata kaa’uuf ta’uu ibsaniiru.

Naannoo Gaambeellaatti godaantota kuma 383 buufataalee godaantotaa torbatti tajaajila argachaa jiraachuu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.