Fana: At a Speed of Life!

MM Abiy Ahimad boru Paarlaamaaf ibsa kennu

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad raawwii mootummaa bara baajataa 2015 irratti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsaa fi deebii kennu.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa guyyaa borii walga’ii idilee 28ffaa bara hojii 2ffaa gaggeessa.

Manni marichaa walga’ii kanaan gabaasaa raawwii karooraa mootummaa bara baajataa 2015 irratti, gaaffilee miseensota mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataarraa ka’aniif Muummeen Ministiraa Abiya Ahimad deebii fi ibsa bal’aa ni kennu jedhameera.

Dabalataanis, wixinee baajataa bara 2016 koree dhaabbii dhimmoota pilaanii, faayinaansii fi Baajataan dhiyaaturratti mari’achuun wixinee baajataa ni raggaasisaan kan eegamu ta’uu ragaan mana maricharraa argame ni mu’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.