Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin Qabeenyaa Israa’eel Ityoophiyaatti hojii invastimantiirratti akka bobba’an gaafatame

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Abbootiin qabeenyaa Israa’eel damee tuuriizimiirratti bobba’an , Ityoophiyaatti hojiilee invastimantii irratti akka hirmaatan gaafatame.

Israa’elitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Tasfaayee Yittaayyii, abbootii qabeenyaa damee tuuriizimiirratti bobba’aniif buufataalee tuurizimii beeksisaniiru.

Keessumaa yeroo ammaa mootummaa Ityoophiyaa damee tuuriizimiif xiyyeeffanaa kennee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Ityoophiyaa fi Israa’eel buufataalee tuuriizimii damee hedduu akka qaban yaadachiisaniiru.

Guyyaattis balalii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa taasisuun Israa’eel irraa gara Ityoophiyaatti kan dhufan yaa’iinsi tuuristootaa olaanaa ta’uu fi dabaluun akka barbachisuu Ambaasaddar Tasfaayeen hubachiisaniiru.

Waltajjicha, yaa’iinsaa tuuriistii Israa’el irraa gara Ityoophiyaa dabaluuf kan kayyeffateedha jedhameera.

Abbootiin qabeenyaa damee tuurizimirrattii bobba’uun Ityoophiyaa fi Afrikaa keessa socho’an hirmaataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.