Fana: At a Speed of Life!

“Ummatoonni Kibbaa Ityoophiyaa” Naannoo 12ffaa akka ta’u murtaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Manni Maree Federeeshinii Naannoo haaraan “Naannoo Ummatoota Kibba Ityoophiyaa” ta’ee akka gurmaa’u murtoo dabarse.

Manni marichaa walga’ii idilee 2ffaa, bara hojii 2ffaa kaleessa irraa eegalee gaggeessaa jira.

Oolmaa guyyaa har’aatiinis, godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shan Naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummatoota Kibbaa jala turan “Naannoo Ummatoota Kibba Ityoophiyaa” jedhamee naannoo 12ffaa ta’uun akka gurmaa’uu murteesseera.

“Naannoo Ummatoota Kibba Ityoophiyaa” jedhamuun kanneen gurmaa’anis, sabaa fi sabalammoota godinalaalee Walaayittaa, Gaamoo, Goofaa, Geede’oo, Oomoo Kibbaa, Godinaalee Koonsoo fi Daraashee, Burjii, Ammaarroo, Be’aalee fi aanaalee addaa Baaskeettoo ta’uun ibsameera.

Naannoo Ummatootaa Sabaa fi Sabalammoota Ummatootaa Kibbaa keessaa kan turan Sabaa fi Sablammoonni Godinaalee Haadiyyaa, Halaabaa, Kambaataa Xambaarroo, Silxee, Guraagee fi Aanaa Addaa Yem kan turan Naannoo Sabaa fi Sablammoota Ummatootaa Kibbaa jalatti kan itti fufan ta’uu ibsameera.

Murtochis sagalee guutun raggaasifamuu ragaan Mana Marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.