Fana: At a Speed of Life!

Gamtichi Komiishinii Marii Biyyaleessaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 7 taasise

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Gamtaan Awurooppaa Komiishinii Marii Biyyaleessaa Ityoophiyaaf deeggarsa Doolaara miiliyoona 7 taasise

Waliigalteen deeggarsicha Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariittaa Sawaasawu bakka argamanitti, Komiishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Ityoophiyaa Pirofeesar Masfiin Ar’aayaa fi Ityoophiyatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awurooppaa Roolaandi Koobiyaa mallatteessaniiru.

Gamtichi deeggarsa kan taasisee koomishinichi hojii marii biyyaaleessaa eegalee bu’aan akka xumuraaf yaadamee ta’uun eerameera.

Waliigaltichi bakka miseensoonni Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbileen idil Addunyaa argamanitti mallata’uun ibsameera.

Qiddisti Abaataatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.