Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti ho’inni olaanaan guyyaa kaleessaa galmaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2015 (FBC)- Ho’inni olaanaan addunyaa guyyaa kaleessaa galmaa’uun gabaafame.

Odeeffannoon Giddugala Raaga Haala Qilleensaa Biyyaalessaa Ameerika akka mul’isutti, ho’inni addunyaa akka kaleessaa olka’ee hinbeeku.

Ho’i addunyaa giddugaleessaan kaleessa galmaa’e Digirii Seelshiyasii 17.01 ta’uun galmaa’eera.

Giddugalichi kanaan dura ho’i addunyaa olaanaa jechuun galmeessee giddugaleessaan Digirii Seelshiyasii 16.92 akka turee fi bara faranjootaa 2016 baatii Hagayyaa keessa kan galmaa’e ta’uun ibsameera.

Torbanoota dhiyoo as naannawaa Ameerikaa Kibbaatti ummanni argamu sababa ho’inaan rakkoo argaa turuu yaadachiiseera.

Chaayinaattis ho’inni kun Digirii Seelshiyasii 35 ol ta’ee itti fufuun eerameera.

Kutaa Kaabaa Ameerikaattis hanga Digirii Seelshiyasii 50tti ho’i galmaa’uun ibsameera.

Ardiin Antarkitikaa qorraan beekamus dabalatee ho’inni olaanaan galmaa’uu Aljaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.