Fana: At a Speed of Life!

Sagantaan beekkamtii fi badhaasaa tajaajila tola ooltummaa biyyaalessa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Ministeerri Nageenyaa dargaggoota tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa kennaa turaniif sagantaa beekkamtii fi badhaasaa kennuu Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

Sagantichi dargaggoota tola ooltota, tajaajilichi erga eegalee marsaa 7 hirmaatan kuma 42 fi 500 oliif kan kennamu ta’uun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aan, tajaajilli tola ooltummaa biyyaalessaa, dargaggoonni jaalala biyyaa fi ummataaf dursa kennuun dirqama lammummaa isaanii akka bahatan kan taasisuudha jedhan.

Sagantichi dargagoonni ergama kennameef sirnaan bahachuu isaanii ibsuu qofa utuu hintaane fuulduraattis tajaajiloota walfakkaatoo biroo keessatti akka hirmaatan imaanaa kennuuf akka ta’e ibsuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.