Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa daballii gatii taasisan 1085 irratti tarkaanfiin fudhame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa weerara vaayrasii koroonaa sababeeffachuun seeran ala daballii gatii taasisan 1085 irratti tarkaanfiin fudhame.
 
Mootummaan naannoo Oromiyaa dhaabbilee daldalaa dhibee Koroonaa sababeeffachuun oomisharratti gatii dabalalan kuma 1 fi 85 saamseera.
 
Namoonni 13 ammoo seeratti dhiyaataniiru.
 
Akka naannichaatti tatamsa’ina vaayrasii koroonaa to’achuuf sadarkaa hundatti koreen hundaa’ee hojii qabatamaa keessa galuu ibsameera.
Koreen kun dhibee koroonaa to’achuuf of eeggannoo taasifamuu qaburratti ummataaf odeeffannoo kennuu fi hubannoo uumuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsameera.
 
Gama biraatiin ammoo korichi seera-maleessummaa rakkoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa mudate hordofee uummamu to’achuuf hojjechaa jira.
 
To’annoo fi hordoffii hanga guyyaa har’aatti taasifameen naannichatti dhaabbileen daldalaa kumni 1 fi 85 seeraan ala oomishaalee irratti gatii dabalan saamsamaniiru.
 
Akka Biiroon Dhimmoota Koominiikeeshinii Mootummaa naannichaa ibsetti, eeruu ummataa fi deeggarsa qaamolee nageenyaan tarkaanfiin fudhatamuu eegale cimee itti fufa jedhame.
 
Seera maleessummaa sababa kanaan raawwatu ittisuuf qaamooleen hundi gumaacha irraa eegguma taasisuu akka qabu waamichi dhiyaatera.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.