Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi Dhaabbata Oomisha Meeshaalee Qonnaa Chaayinaa waliin waliigaltee daldalaa mallatteesse

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Koorporeeshiniin Hojiiwwan Qonnaa Ityoophiyaa Dhaabbata Oomisha Meeshalee Qonnaa Chaayinaa Zuumlaayin jedhamu waliin waliigaltee daldalaa mallatteesseera.

Sanadni waliigaltechaa boqonnaa lama kan qabu yoo ta’u, inni jalqabaa meeshaalee qonna gartokkeen warshaalaman (walitti hidhaman) fichisiisuun kan hafee biyya keessatti warshaaluun gabaaf dhiyeessuu akka ta’e eerameera.

Lammaffaan, ammoo meeshalee qonnaa fichisiisuun giddugalaa koorporeeshinichaatti guutummaan warshaaluun gabaaf dhiyeessuuf waliigalteerraa ga’amuun ibsameera.

Meeshaaleen kunneenis maashinoota Boqqolloo, Ruuzii fi Atara Boonsituu walitti qabuuf gargaaraan akka ta’e ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Walitti hidhamiinsa daldalaaf gara Chaayinaatti kan imalee gareen jilaa Ministiraa Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Paarkii Indaastirii Zuumlaayin Chaangi Shii daawwateera.

Paarkichatti qaroomina teeknooloojii fi hojiile kalaqa kan dinqisiifatan yoo ta’u, teeknooloojiiwwan hedduun haala qabatamaa Ityoophiyaa waliin madaqsuun akka danda’amu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.