Fana: At a Speed of Life!

Yeroo jalqabaaf misoomni Ruuzii Aanaa Shaashamanneetti eegale

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Godina Arsii Lixaatti yeroo jalqabaaf misoomni Ruuzii Aanaa Shaashamanneetti eegaleera.

Itti Gafatamaan Waajjiraa Qonna Godinicha Doktaar Abdullaahii Beeka, godinicha aanaalee 6’tti lafa heektaara kuma sadii irratti misoomni Ruuzii eegaluu himaniru.

Godinichi qilleensaa fi biyyee oomisha Ruuziif mijaataa qabaachuun eerameera.

Itti Aanaa Bulchaa Godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaa gama isaaniin, mootummaan wabii nyaata mirkannessu, omishaa alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuu, alergi dabaluu fi carra hojii uumuuf inisheetivii misooma Ruuzi hojjirra oolchaa jiraachuu kaasaniiru.

Sadarkaa godinichaatti omisha Ruuzii kuntaala kuma 130 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.

Lammaa Tasfaayeetuu Gabaasee.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.