Fana: At a Speed of Life!

Amb. Zhi’oo Zhiyu’aan Chaayinaan Ityoophiyatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaggeessitu akka cimsitu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zhi’oo Zhiyu’aan Chaayinaan Ityoophiyatti ijaarsa bu’uuraalee misoomaa gaggeessitu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsan.

Mootummaan Chaayinaa raawwii karoora waggoota 10 inisheetiivii ijaarsa bu’uuraalee misoomaa daandiin Ityoophiyaatti hojiirraa oolcha jirtuu ilaalchisee waltajjin marii gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simee waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, sarara geejjiba baaburaa Ityoo-Jibuutii, daandii ariitii Finfinnee- Adaamaa fi ijaarsawwan garaagaraa, karoora pirojektii ijaarsaa daandii Chaayinaa waggoota 10 keessattii ijaaramanii xumuraman ta’uu ibsaniiru.

Keessumaa Daandiin Baaburaa Ityoo Jibuutii erga aijaaramee booda meeshaalee galii fi daldala alaa saffisiisuun damee hawaasummaa fi diinagdeen jijjiirama qabatamaa fideera jedhan.

Ambaasaddar Zhi’oo Zhiyu’aan gama isaaniin Mootummaan Chaayinaa inisheetiivii ijaarsa daandii hojiirraa oolchaa jiruun Ityoophiyaan fayyadamtuu ta’aa jiraachuu kaasaniiru.

Fuuldurattis inisheetiivii kanaan mootummaa ityoophiyaa waliin ciminaan hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.