Fana: At a Speed of Life!

Waldhabdee fi jeequmsi Faransaayitti eegale hammaatee itti fufuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC) – Ajjeechaa Poolisiin dargaggeessa tokkorratti raawwate hordofee Walitti bu’iinsii fi jeequmsi Faransaayitti jalqabe hammaatee itti fufuu dhaga’ameera.

Poolisiin Faransaay dargaggeessa lammummaa Aljeeriyaa qabu tokko seera tiraafikaa sarbeera jechuun itti dhukaasee ajjeesuu hordofee jeequmsi kun jalqabuu ibsameera.

Sababa kanaan magaaloota biyyattii hedduu keessatti hiriirri nagaa gaggeeffamaa ture gara jeequmsaatti jijjiiramu himameera.

Hanga ammaatti namoonni 667 to’annoo jala ooluu ibsameera.

Pireezidaantiin biyyattii Imaanu’eel Maakroon ajjeechaa dargaggeessa umrii waggaa 17 irratti raawwate balaaleffachuun, tarkaanfiin Poolisiin fudhate tarkaanfii hin malle ta’uu ibsaniiru.

Poolisiiin Faransaay sanyummaan kan guutaman jechuun ololli adeemaa jiru olola sobaa ta’uu eeruun, keessattuu namoonni siyaasaa tokko tokko taatee kana caalmaatti hammeessuuf yaalaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Walitti bu’iinsaa fi jeequmsa biyyattiitti uumameen hanga ammaatti Poolisoonni 249 miidhamuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.