Fana: At a Speed of Life!

Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessa Ayyaanni Arafaa nagaan akka kabajamu qophii gahaa taasisuu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessa Ayyaanni Iidal Adahaa (Arafaa) nagaan akka kabajamu qophii gahaa taasisuun hojii nageenya kabachiisuu hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Humni waloo kun Ayyaana Iidal Adahaa 1444ffaa ilaalchisuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Ayyaanichi sadarkaa biyyaalessaatti nagaan akka kabajamu qophii gahaa taasisuun hojiilee nageenyaa kabachiisuu hojjechaa jiraachuu ibseera.

Hordoftoonni Amantii Islaamaas ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf qaamolee nageenyaa tumsuun gahee isaanii akka bahatan hubachiiseera.

Haalonni shakkisiisoon wayita mudatanittis, kara bilbila tolaa 987, 991, fi 816 akkasumas karaa toora bilbilaa +251 111 11 01 11, +251 115 52 63 03, +251 115 52 40 77, +251 115 54 36 78 fi +251 115 54 36 81, +251 115 54 36 84, +251 115 54 38 04 eeruu kennuu akka danda’an beeksiseera.

Dabalataan+251 115 31 22 08, +251 115 31 22 23, +251 115 31 22 47, +251 115 31 22 20, +251 115 31 20 63, +251 115 31 20 33, +251 115 31 21 31, +251 115 31 22 21, +251 115 31 20 42, +251 115 31 20 05 eeruu kennuun yookaan qaamolee nageenyaa naannawaa isaaniitti argamaniif odeeffannoo kennuun hawaasni tumsa taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessuu ragaan Poolisii Federalaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.