Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Arafaa Boru kabajamuuf daandileen cufaman ifooman

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Ayyaana Arafaa guyyaa borii kabajamuu sababeeffachuun Sirnaa Ayyaanichaa gaggeeffamee hanga xumuramurtti daandilee sochii tiraafikaaf cufaa ta’an ifoomuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hordoftoonni Ayyaanicha kabajuuf wayita gara Istaadiyamii Finfinnee imalan, nageenyaa waloof jechaa sakatta’iinsi akka jiru hubachuun tumsaa barbaachisaa akka taasisanis gaafateera.

Kanaan walqabatee naannawaa Istaadiyamii Finfinneetti sirni kabajaa ayyaanichaa jalqabamee hanga xumuramutti daandileen:

-Piyaasaa-Addababa’ii Masqalaa kan geessuu Addababa’ii Tewodiroositti;

-Gootaraa-Siniimaa Agonaa-Riichee kan geessuu konkolaattotaa guguddaaf Siniimaa Agoonaatti, akkasumaas konkolaattotaa manaa Addababa’ii Xilaahuun yookaan kutaa waraanaa duraanii 4ffaatti;

-Gamoo keekeer duubaan garaa Lagahaar kan geessu Gumurukaa Lagahaar duriitti;

-Mana Murtii Olaanaa-Hospitaalaa Poolisii irraan gara Meeksiikootti kan geessuu Alsaam Calalaq karaa olii fi karaa gadiitti;

-Gommaa Quxxabaa-Lagahaar kan geessu, Mana Jireenyaa waliinii 40/60 Sanagaa Taraatti;

-Goommaa Quxxabaa- Tiyaatira Biyyaalessaa kan geessu Ibsaa Gommaa Quxxxabaatti;

-Meetirooloojii-Hospitaalaa Xiqur Ambassaa-Mana Poostaa kan geessu Waajjiraa Meetirolojiitti

-Mana Maxxansaa Daldalaa- Garaajii Ormaa kan geessu Mana Maxxansaa Daldalaatti;

-Kiiloo 4 fi Irrii Bakantuu irraan kan dhufan Ibsaa Paarlaamaatti; Siginaal-Kaasaanchis kan geessu Addababa’ii Dubartootaatti;

-Daandii Qilleensaa Boolee-Galma Barkumee-Istaadiyamiitti kan geessu Olompiyaa yookaan Dambalitti;

-Magganaanyaa- Hayaa Huleet-Addababa’ii Masqalaa akkasumas Boolee Madihaani’aalamii-Qaxxaamura Batsakaana Uraa’elitti kan geessuu Qaxxaamura Bataskaanaa Uraa’elitti;

-Takilahaayimaanot-Hospitaala Xiqur Ambassaa-Immigireeshiniitti kan geessu Sheelii Xiqur Ambassaatti;

-Takilahaayimaanot-Gollaa Mikaa’el-kan geessuu Qaxxaamura Gollaa Mikaa’elitti;

-Gofaa-Daandii haaraa irraan Bataskaanaa Qiirqoos -gara Lagaahaaritti daandiin geessuu, qaxxaamura Bataskaana Qiirqoositti; konkolaattoota eeyyaama darbuu hinqabneef ganama sa’aatii 11:00 irraa eegalee sirni ayyaanichaa eegalamee hanga xumuramutti cufaa ta’uu beeksiseera.

Hawaasnis odeeffannaa kenname bu’uureffachuun daandilee filmaataa Poolisoonni Tiraafikaa akeekan akka fayyadaman Humni Waloo Nagenyaa Biyyaalessaa waamicha dhiyeesseera.

Dabalataan nageenyaa waloof jecha ayyaanichi nagaan akka kabajamuuf hawasni tumsa taasisaa jiruuf galateeffatee, wantoonni shakkisiisoon wayita mudatanitti karaa bilbilaa 011-1 11-01-11 yookaan toora bilbila bilisaa 991 irratti eeruu kennuun akka danda’amu Poolisiin beeksiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.