Fana: At a Speed of Life!

Barana dandeettiin oomishaa %53 guddachuun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Dandeettiin omishaa weerara Vaayirasii Koroonaa, waraana kutaa Kaabaa biyyattii fi jeequmsaa diinagdee addunyaa mudateen duraa %46 kan ture, barana dandeettiin omisha waliigalaa giddugaleessaan %53 guddachuu Ministeerri Indaastirii beeksise.

Karooraa waggootaa 10 bocuun sosochii “Ityoophiyaan haa oomistuun” gara hojiitti kan galee ministeerichi waggaa jalqabaattii hojiin hubannoo uumuu bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.

Bara 2015 jijjiirama “Ityoophiyaan haa oomishtuun” dhufe ilaalchisee Ministirri Indaastirii Malaakuu Allibal ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin oomishaaleen alaa galan oomishi biyya keessan bakka buufamuun Doolaara, biiliyoona 2.4 baraaruun danda’meera jedhan.

Carraa hojii uumuu, sharafa alaa argamsiisuu fi oomishaalee biyya alaatii galan biyya keessatti oomishuun wixineewwan Ityoophiyaan haa Oomishtuu akka ture ibsaniiru.

Baatiiwwan saglan darbanitti lammiilee kuma 161 damee indaastirii maanufakchariingiin carraan hojii uumamuu kaasanii, alergeerraas Doolaarri miiliyoona 311 argamuu ibsichaan kaasaniiru.

Sosochii “Ityoophiyaan Haa Oomishtuun” indaastiriiwwan 352 hojii dhaabanii tura gara hojiitti akka deebi’an taaifamuu eeraniiru.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.