Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan wixineewwan Dhaabbanni Walta’iinsa Barnootaa Idil Addunyaa kaa’e dhugoomsuuf Ityoophiyaan kutannoo qabaachuu ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Walta’iinsa Barnootaa Idil Addunyaa wixineewwan kaa’e dhugoomsuuf Ityoophiyaan kutannoo qabaachuu Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin ibsan.

Yaa’ii addaa Dhaabbataa Walta’iinsa Barnootaa irratti pireezidaantiin yeroo yaa’iichaa Obbo Dammaqaa Mokonnin wixineen dhaabbatichi kaa’e akka dhugoomuuf Ityoophiyaan kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Walta’iinsi damee hedduus dhimma ijoo ta’uu hubachiisan.

Walta’iinsichi hiyyummaa dabalatee rakkoolee biyyoota guddachaa jiran mudatan furuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Walta’iinsa Barnootaa Idil Addunyaa Sheek Mansuur Biin Musaalam gama isaaniin, galmoota misoomaa fi misooma hawaas-diinagdee milkeessuuf biyyoonni miseensotaa tumsi barnootaa hordofan gahee akka qabaatuuf jijiirama bu’uuraa fiduun dhimma adda duree ta’uu kaasaniiru.

Kanaafis, damee barnootaa irratti qorattoonni, hayyoonni yuunivarsiitii, dargaggoonni, mootummoonni biyyoota miseensaa, gahee gama isaanii bahachuu qabu jedhaniiru.

Haaluma kanaan Dhaabbanni Walta’iinsa Barnootaa, deeggarsa maallaqaa, teekinikaa fi meeshaalee ni taasisa jechuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.