Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Walta’iinsaa Barnootaa Idil Addunya yaa’ii addaa jalqabaa Ityoophiyaatti gaggeessu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Walta’iisaa Barnootaa Idil Addunyaa yaa’ii addaa isaa jalqabaa har’aa Finfinneetti gaggeessuu eegaleera.

Yaa’icharratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Barnootaa Idil Addunyaa Sheek Mansuur Biin Musaala, qaamolee qooda fudhattoota barnootaa, Ambaasaaddarootaa biyyoota Afrikaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Yaa’ichi damee barnootaan walqixxummaa, haqa qabeessummaa fi tumsa bu’uureffachuun walta’iinsa damee hedduu haaraa uumuuf haalota dandeessisanirratti marii fi falmiin imaammataa akka gaggeeffamu TOI gabaaseera.

Yaa’ichi guyyoota afuriif kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Dhaabbanni walta’iinsa barnootaa Idil Addunyaa bara faranjootaa 2020 kan hundeeffame yoo ta’u, Afrika, Eeshiyaa, Paasifiik, Laatiin Ameerikaa, Kaariibiyaanii fi Biyyootaa Arabaatiin miseensa ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.