Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Fitsum Asaffaan Miseensota Mana Maree Daldalaa Faransaay waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2015 (FBC)-Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Miseensota Mana Maree Daldalaa Faransaay waliin mari’ataniiru.

Dooktar Fitsum, garee jilaa kanaaf waa’ee qabiyyee fi qophii fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa boqonnaa 2ffaa ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Keessumaa mootummaan diinagdee irratti hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu fi fooyyessuuf, fooyya’iinsichaan yaadota ijoo kaa’aaman hubachiisaniiru.

Dhaabbileen Faransaay Ityoophiyaatti hirmaannaa invastimantii taasisaniif galateeffataniiru.

Gareen jilaa Mana Maree Daldalaa Faransaayis gama isaaniin, abbootiin qabeenyaa Faransaay hedduun damee invastimantii garaagaraarratti hirmaachaa akka jiran kaasaniiru.

Fuuldurattis hirmaannaa isaani cimsuuf fedhii qabaachuu mirkaneessuu ragaan ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.