Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Misooma Anniisaa Haaroomuu Ityoophiyaa guddisuuf deeggarsa kan taasiftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Chaayinaan tattaaffii Ityoophiyaatti Misooma Anniisaa Haaroomuu guddisuun jireenya lammiilee fooyyessuuf taasifamu cimsitee kan deeggartu ta’uu beeksifteerti.

Mootummaan Ityoophiyaa, Chaayinaa fi Sagantaan Misoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akkaataa bu’uura tumsa misooma sadee Kibba Kibbaan waliigatee piroojektii haaraa Anniisaa Baayoo gaazii, Baayoo maasii fi Anniisaa Aduu mallatteessaniiru.

Walligalteen tumsa misoomaa sadee kun filannoo misooma Anniisaa Baayoo gaazii, Baayoo maasii fi Anniisaa Aduu babal’isuuf kan gargaaru ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.