Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Ambootti balaa konkolaataa mudatee lubbuun namoota 10 darbe

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Amboo iddoo addaa Taltallee jedhamutti balaa konkolaataa ganama kana mudateen lubbuun namoota 10 darbuu ibsame.

Konkolaataan deddeebisa ummataa 5L jedhamu Magaalaa Amboo irraa gara Gudar imalaa ture Konkolaataa Wal harkisuun walitti bu’uun balaa sukkaneessaa qaqqabsiisuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Amboorraa argame ni mul’isa.

Balichaan lubbuun namoota 10 yoo darbu, namoota 6 irra miidhaan qaamaa cimaa ta’e qaqqabuu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.