Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii yaada carraa hojii uumuu biyyoolessaa irratti dorgomtoonni badhaasa Doolaara kuma 350 injifatan adda ba’an

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2015 (FBC) – Sirni Badhaasaa dorgommii yaada carraa hojii uumuu biyyoolessaa tumsa Ministeera Hojii fi Oggumnaa fi Faawundeeshinii Maasteer Kaardiin qopha’e Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama jira.

Sirnicharratti Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Aadde Mufariyaat Kamiil dabalatee hoggantoonni mootummaa Federaalaa fi naannoolee argamaniiru jedhame.

Dorgommiin marsaa jalqabaa mata duree ‘Leenji’uu, Badhaafamuu fi Ga’oomuu’ jedhuun dorgomtoota naannolee 8 fi bulchiinsa 2 keessa walitti babba’an kuma 1 fi 137 gidduutti gaggeeffamaa tureera.

Dorgomtoonni 200 gulaallii biyyaalessaaf darbanii turan.

Dorgommii marsaa 3n gaggeeffamaa tureen dorgomtoonni 50 yaada gaarii dhiyeessan tokkoon tokkoon isaanii Doolaara kuma 5 badhaafamaniiru jedhame.

Dorgomtoota kanneenif yeroo itti aanuuf deeggarsi garaagaraa kan taasiisfamuuf ta’uu eerameera.

Maraa’ool Kadirtu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.