Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti nageenya ummataa booressuuf socho’aa kan turaan miseensonni garee badiisaa to’annoo jala oolfaman

Finfinnee Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Godina Shawaa Kaabaatti nageenyaa meeshaalee waraanaa gurmuu fi dhuunfaa hidhachuun nageenyaa hawaasaa booressuuf kan socho’aa turan miseensonni garee badiisaa to’annoo jala oolfaman.

Miseensonni garee badiisaa kunneen duula qindaa’aa qaamolee nageenyaa godinichaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaatiin gaggeeffameen gochaa badiisaa isaanii raawwachuuf wayita yaalanitti to’atamaniiru.

Miseensonni to’ataman kunneen 25 yoo ta’an, kanaan duraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi miseensotaa humna addaa kan turanii fi gochaa badiisaa isaanii raawwachuuf namootaa socho’aniin gowwoomfamuun dargaggoota bosonaa galan ta’uun ibsameera.

Humni Nageenyaa Godina Shawaa Kaabaa wayita hordoffii taasisaa turetti miseensonni garechaa dhukaasa banuu fi miidhaa olaanaa qaqqabsiisuuf akka ta’e eeruu qaqqabeen, gabasaa taasisuun Raayyaan Ittisaa naannawicha dursee to’achuun eerameera.

Miseensonni garichaa farraa nageenyaa ta’an mana nama dhuunfaa kireeffachuun ergama kennamuufiin gochaa badiisaa raawwachuuf, meeshalee waraana akka Disqaa 1, Bireenii 2, Isnaayipparii 4, Kilaashiii 5, Shugguxii 2 fi Rasaasa kuma 2 fi 300 ol akkasumaas maallaqa calla fi akkawuntii baankii irraa Birrii walakkaa miiliyoonaa ta’u qabatanii wayita socho’an to’atamaniiru.

Miseensonni kunneen utuu hinto’atamne ta’ee ummataarraan miidhaa geessisuuf akka turan eerameera.

Humni nageenyaas nageenyaa ummataa eeguuf dammaqinaan hojjechaa jiraachuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Namoonni to’ataman kunneen irraa jireessaan gowwoomfamanii, gurmaa’iinsa seeraan alaa uumuun socho’aa turuu amananii, gochaa kaayyoo hinqabne akkanaarraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu ergaa dabarsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.