Fana: At a Speed of Life!

Tola ooltonni daangaa ce’oo Sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeessan

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC)- Daraggoonni hirmaattota tajaajila tola ooltummaa daangaa ce’aa Magaalaa Aggaarootti sagantaa Ashaaraa Magariisaa eegalachiisaniiru.

Sagantichi mata duree “Gaarummaa Olka’iinsa Ityoophiyaaf” jedhuun eegalameera.

Guyyaa har’aa sagantichaan biqiltuuwwan kuma 5 kan dhaaban yoo ta’u, dhiiga arjoomuu fi manneen harka qalleeyyii haaromsuu gaggeessaniiru.

Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee saganticharratti haasawaa taasisaniin, hojiin tajaajila tola ooltummaa biyyattiitti yeroo gara yerootti hirmaannaanis ta’e, dameelee hojiin guddachaa dhufuu kaasaniiru.

Baranas sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi maaddii qooduun cimee akka itti fufu kaasaniiru.

Hojiileen kunneen cimanii akka itti fufaniif imaammanni tola ooltummaa dargaggoota biyyaalessaa bocame akka hojiirra ooluuf hojjetamaa jiraachuu akeekaniiru.

Tajaajilli tola oltummaa daangaa ce’aa hanga Adoolessa 5, 2015’tti kan turuu fi naannawaa hundaattis hojiin Ashaaraa Magariisaa akka gaggeeffamu eerameera.

Gohi Nugusuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.